aransaay Itoophiyaa waliin tumsa loltummaa akka cimsitu beeksiste

You are currently viewing aransaay Itoophiyaa waliin tumsa loltummaa akka cimsitu beeksiste

AMN PLUS- Sadaasa 17/2018

Faransaay Itoophiyaa waliin tumsa damee loltummaa cimsuu akka barbaaddu Ajajaan Waraana Lafoo biyyattii Jeneraal Piyeer Shiil himan.

Jilli Waraanaa Faransaayi Jeneraal Piyeeriin durfamu hoggantoota Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa waliin mari’ataniiru.

Marichi tumsa loltummaa biyyoota lameenii cimsuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Tumsi kun waliigalteewwan hoggantoonni biyyoota lameenii taasisan hordofee kan taasifame ta’uu Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisaa ibseera.

Jeneraal Piyeer Shiil wayita kana hojii Itiyoophiyaan nageenya naannawichaa mirkaneessuuf hojjechaa jirtutti gammaduu ibsuun, yeroo itti aanutti dhimmoota barbaachisoo ta’an irratti tumsaan kan hojjetan ta’uu eeran.

Ergama nageenya kabachiisuu keessatti hirmaannaan raayyaa ittisaa Itiyoophiyaa barbaachisaa ta’uu kaasanii, cimee itti fufuu akka qabu dubbatan.

Faransaay fayyadamummaa waloof deeggarsa meeshaalee waraanaa, leenjii humna namaafi tumsa loltummaa walitti fufiinsa qabu taasisuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Hogganaan Qajeelcha Olaanaa Barnootaafi Leenjii Raayyaa Ittisaa Jeneraal Yimar Makonnin gama isaaniin, teeknooloojii loltummaa ammayyaan deeggaramuun dirqama bahachuuf Faransaay waliin tumsaan ni hojjetama jedhan.

Faransaay waliin hariiroo loltummaa waggoota dheeraa qabaachuu yaadachiisuun, michummaa kana dameewwan loltummaa garaagaraan cimsanii itti fufsiisuun barbaachisaadha jedhan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply