Ardiin Eshiyaa ho’a olaanaafi rooba cimaadhan qoramaa jirti ‎

You are currently viewing Ardiin Eshiyaa ho’a olaanaafi rooba cimaadhan qoramaa jirti ‎

AMN PLUS- Adooleessa, 29/2017

‎Haalli jijjiirama qilleensaa Addunyaa irratti mul’ataa kan jiru biyyoota Eshiyaatti ammo bifa garaagaraatiin jijjirama jira.

‎Ardiin Eshiyaa ho’a olaanaafi rooba guddaadhan qoramaa jirtii.

‎Jaappaanittis haala hin baratamneen guŷyaa tokkotti ho’i dachaa 2 n kan galmaa’e yoo ta’u, ho’i olaanaan digirii seelishiyeesii 41.8 ta’u galmaa’eera.

‎Haala kanaan kutaalee heddu biyyattii keessatti ho’a jabaa kana irraa kan ka’e namoonni dhiibbaa istirookiin miidhamuu akka danda’an sodaatamaa jira.

Kooriyaan Kibbaas ji’a Adoolessa kana keessa ho’a olaanaan dabarsaa akka turte Aljezeeraan gabaaseera.

‎Hong koongis rooba sa’aa tokko roobeen Hospitaalonni, Manneen barnootaa, Manneen murtii fi kanneen biroo kan miidhaman yoo ta’u bubbee hamaanis dhufu akka danda’u akeekkachiifni kennameera.

‎Xumura torban darbe kanaa kibba Chaayinaatti bubbeefi rooba cimaa qilleensa makatee roobeen balaan lolaa kutaa Guwaangdoongitti namoota 5 du’aaf kan saaxile yoo ta’u, barattonni kuma 1 fi 300 ta’an namoota miidhaman barbaacha irratti akka bobba’aniif sababa ta’uu isaa Rooyitarsi gabaaseera.

‎Liyaa Kaasaahuunitu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply