Walga’iin Gam-sadee Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan Finfinneetti taa’amuu eegale

You are currently viewing Walga’iin Gam-sadee Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan Finfinneetti taa’amuu eegale

Mariin dambiiwwanii fi dureewwanii gam-sadee guutiinsaa fi gadi lakkisa bishaan Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa marsaa 2ffaan har’a Magaalaa Finfinneetti eegaleera.

Dursaan Garee Mari’attoota Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Silashii Baqqalaan sirna baniinsaarratti haasawaa taasisaniin marichi bu’uura ibsa qajeelfama bara 2015 irra ga’ameen guutiinsa marsa 4ffaa Hidhaa Haaromsaa milkaa’inaan gaggeefameen booda ta’uu ibsan.

Haaluma kanaan mariin marsaa kanaa biyyoonni kunneen waliigalteerra ga’uuf tattaaffii walirraa hincitne akka taasisan amantaa qaban ibsaniiru.

Kana malees, bu’uura ibsa qajeelfamichaan kaa’ameen bishaan Abbayyaa, itti fayyadama sababa bu’uureffatee fi haqa qabeessummaa mirkaneessuun filmaata tokkicha ta’uu himaniiru.

Dabalataanis adeemsichi milkaa’inaan akka xumuramuuf Itiyoophiyaan akkuma kanaan duraa kutannoodhaan gahee ishee akka bahattu mirkaneessaniiru.

Ministirri Bishaanii fi Jallisii Ijibti Pirofeessar Haanii Seewiilaam fi Eeggataan Ministira Bishaanii Sudaan Daawulbaayit Abdulraahimaan Mansuur Bashir gama isaaniin adeemsa marichaan waliigalteerra ga’uuf abdii qaban ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review