Ariyaat Odongin kilaba Taanzaaniyaa Yaang Afrikaa wajjin waliigaltee qabdu xumuruun gara Morookootti imalte.
Garee Biyyaalessaa Itoophiyaa Luusiif kan taphachaa turte Ariyaat, Berkaaneef mallatteessuu ishee kilabichi beeksisee jira.
Ariyaat biyya keessatti kilaba Magaalaa Finfinnee fi Baankii Daldala Itoophiyaa’f taphataa akka turte ni yaadatama.
Garee Biyyaalessaa fi umurii digdamaa gadiittis taphachaa kan turte Ariyaat, amma gara Morookoo, Berkaaneetti imalteetti.