Kilabiin Kaaba Landan Arsenaal taphataa sarara gidduu Joorjiinhoo waliin addaan ba’uutti akka dhihaate gabaafame jira.
Kilaba Biraaziil kan ta’ee Filaamiingoon dorgommiin waancaa kilaboota addunyaa osoo hin jalqabin jijjiirraa taphatichaa xumuruuf hojjechaa akka jiru ibsame jira.
Ji’a tokkoon booda kontiraatni Arsenaal waliin qabu kan xumuramu Joorjiinhoon jijjiirraa bilisaatiin gara Filaamiingootti ni imala jedhamee eegama.
Taphataan ganna 33 Joorjiinhoon Filaamiingoo waliin kontiraata hanga bara dorgommii 2028tti kilabicha keessa tursiisu dabda’u ni mallatteessa jedhamee jiraa.
Filaamiingoon dorgommii waancaa kilaboota addunyaa irratti Esiperaans Tuniiz fi Cheelsii waliin kan taphatu ta’a.
Darajjee Adunyaatiin