Atileet Masarat Daffaar dabalatee Itoophiyaanonni 4 badhaasa “African Impact Award” fudhatan

You are currently viewing Atileet Masarat Daffaar dabalatee Itoophiyaanonni 4 badhaasa “African Impact Award” fudhatan

AMN PLUS- Onkoloolessa 03/2018

Pirezidaantii Itti Aantuun Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Atileet Masarat Daffaar badhaasa “African Impact Award” badhaafamte.

Badhaasichi damee Atileetiksiin shoora olaanaa waan bahatteef kennamuufii himameera.

Olompiikaafi Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaan miira jaalala biyyaan, ifaajdee meedaaliyaawwan biyyaaf argamsiisuun mallattoo cichoominaallee taateetti.

Badhaasa marsaa 4ffaaf geggeeffame kana irratti damee aartiin Artiist Mahmud Ahmad, damee hoggansa biizinasii milkaa’aan Hoji-Raawwachiisaan Daandii Qilleensa Itoophiyaa Masfin Xaasoo akkasumas damee miidiyaatiin Seefuu Faantahuniif badhaasni kennameera.

‎Saganticha irratti Pirezidaantiin Federeeshinii Atiletiksii Itoophiyaa Komaandar Atileet Siilashii Sihin, Pirezidaantiin Federeeshinii Atiletiksii Itoophiyaa duraanii gargaaraa Komishinaraa Atileet Daraartuu Tulluu Seenaataroonni Ameriikaa, kantiibonnii fi kanneen waamichi godhameef irratti argamu.

‎”Africa Impact Award” hanga ammaatti yaroo 4ffaaf kan gaggeeffame yoo ta’u Gargaaraan Komishiinaraa Atileet Daraartuu Tulluu, Atleet Xirunash Dibaabaa, Atileet Qananiisaa Baqqalaa Atileetota maatii Dibaabaa fi Koomaandar Atileet Siilashii Sihin, Atileet Tigist Asaffaa fi Atileet Gudaaf Tsaggaayee badhaafamaa turan.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply