AMN PLUS-Guraandhala 22- 2017
Maraatoonii Tookiyoo 18ffaa boru gaggeeffamu irratti atileetotni muuxannoo qaban kan lakkoofsan 169 ta’an biyyoota adda addaa irraa ni hirmatu.
Dorgommii kana irratti Atileetota hirmaatan keessaa tokko kan taate Suutumee Asaffaa tilmaama duraas argatte.
Bara darbe achuma Tookiyootti rikoordii cabsuun kan injifatte Sutumeen, injifannoo biraa gonfachuuf warreen tilmaama duraa argatan keessayi.
Tegist Katamaan dabalatee Atileetota Itoophiyaa dorgommicha irratti hirmaatan biroos morkattota ciccimoo ta’an jedhamanii eegamu.
Maraatoonii Tookiyoo 17 ffaa irratti sa’aatii riikaardii addunyaa ta’e kan galmeessite atileet Suutumeen Olompikii Paaris irratti garuu carraa osoo hin argatin hafuun ishee ni yaadatama.
Haatii rikardii maraatoonii duraanii i Birigid Kosgeeyii fi Shaampiyoonaan maaratoonii Roosemarii dorgomtoota suutumee kan biroodha.
Gama dhiirootaan Olompikii Paaris irratti meedaliyaa naasaa kan argate Bonsee Kipirutoon warreen tilmaama duraa argataniidha.
Dorgommii Fiigicha daandii irraan meedaaliyaa warqee lama kan injifate lammiin Yugaandaa Jooshuwaa Cheepteegee atileeti biraa Maraatoonii Tookiyoo irratti irra aana jedhamee eegamuudha.
Shaampiyoonaa Olompikii Paaris meetira 10,000 Cheepteegeen atileetii yeroo dhihoo as milkaayina hedduu dhamdhamaa jiruudha.
Meetira 5,000 fi 10,000n rikoordii addunyaa kan qabu Cheepteegee xiyyeeffannoo isaa gara maaraatooniitti deebiseera.
Atileetonni dorgommii Maaraatoonii Tookiyoo Dilbata dhufu sa’aatii fooyya’aa galmeessan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa jalqaba bara dhufuu Tookiyootti gaggeeffamuuf ni darbu jedhamees eegama.
Misikkir Alamaayyootiin