Atileetota Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa Jaappaan Tookiyoo irratti hirmaataniif sirni gaggeessaa taasifameera.
Ministirri Aadaa fi Ispoortii Aadde Shawwiit Shaankaa mootummaan xiyyeeffannoo ispoortiif kennee hojjechaa akka jiru eeruun jalqabbii gaarii kana caalaatti cimsuuf akka karoorfame ibsaniiru.
Jilli garee atileetiksii Itoophiyaa gara Jaappaan Tookiyootti imalu qabxii gaarii, ummataa isaa boonsuu akka galmeessu abdii qabaachuu dubbataniiru.
Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komaandar Atileet Silashii Sihin gama isaaniin ji’oota hedduuf dorgommii kanaaf qophaa’aa akka turan himuun qabxii gaarii galmeessuuf akka dorgoman ibsaniiru.
Gama biraatiin, mootummaan atileetiksii jabeessuuf baajata baasee hojjechaa akka jiru himuun kanaafis fakkeenyi guddaan Tiraakii atileetotni irratti shaakala gaggeessan ji’oota muraasa gidduutti xumuramee hojii eegaluun hojii galateeffachiisu tahuu kaasan.
Shaampiyoonaan atileetiksii addunyaa 20ffaa Jaapaan Tookiyootti Fulbaana 3 hanga Fulbaana 11, Bara 2018’tti adeemsifama.
Rabbirraa Hirphaatu gabaase