Awustiraaliyaan bara 2035tti hammantaa kaarbonii lakkiftu dhibbantaa 62’n hir’isuuf murteessite

You are currently viewing Awustiraaliyaan bara 2035tti hammantaa kaarbonii lakkiftu dhibbantaa 62’n hir’isuuf murteessite

‎AMN PLUS- Fulbaana 8/218

‎Awustiraaliyaan biyyoota addunyaa irratti faalama qilleensaa guddaa geessisan keessaa tokko yoo taatu, waggoota kurnan dhufan keessatti gaasii gubataa dhibbantaa 62n hir’isuuf akka kaayyeffatte beeksiste.

‎Kanaan dura faalama qilleensaatiin addunyaarratti kan qeeqamte Awustiraaliyaan bara 2030tti gaasii gubataa dhibbantaa 43n hir’isuuf waadaa galtee turte.

‎Waadaa sana galmaan gahuuf saayinsiifi karoora qabatamaa teeknooloojiin mirkanaa’een akka qophaa’an Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Antoonii Albaaneese ibsamiiru.

‎Qorannoo haala qilleensaa mootummaan Awustiraaliyaa torban kana keessa adeemsiseen biyyattiin gara fuulduraatti sababa jijjiirama qilleensaa namtolcheetiin haala qilleensaa hamaa ta’e akka ishee mudatu akeekkachiiseera.

‎Waliigaltee Haala Qilleensaa Paaris jalatti qabduun sadarkaa faalama qilleensaa bara 2005 irraa gadi xiqqeessuuf waggootan kurnan dhufan keessatti dhibbentaa 62 hanga 70tti gadi buusuuf Abbaan Taayitaa Jijjiirama Qilleensaa Awustiraaliyaa beeksisee turuu ni yaadatama.

‎Ministirri Muummee Awustiraaliyaa dhimma faalama qilleensaa hiri’isuu kana dhuma baatii kanaa walgahii Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Niiw Yoorkitti taasifame irratti waadaa akka galan ibsameera.

‎Waliigaltee Haala Qilleensaa Paaris bara 2015 irratti hoggantoonni addunyaa ho’i addunyaa kan dhuma Jaarraa 19ffaa digirii shelshiyeesii 1.5 irraa akka hin olkaane gochuuf waliigalanii ture.

‎Awustiraaliyaanis akkuma biyyoota addunyaa baay’ee waggoota dhiyoo as gogiinsa hamaa, ibidda bosonaa fi waggootaf walitti aansuun lolaa riikardii cabseen balaaf saaxilamaa jirti.

‎Balaan akkanaa kun ummata miliyoona 1.5 rakkoo hamaaf akka saaxiluufi qabeenya Awustiraaliyaa doolaara biiliyoona 406n akka gadi buusu ibsameera.

‎Ajandaa haala qilleensaa Awustiraaliyaa fi hawwiin isheen bara 2050tti faalama qilleensaa hambisuuf qabdu ijoo dubbii siyaasaa ta’uun itti fufeera.

‎Paartiin mormituu biyyattii Libaraala biyyaalessaa faalamni qilleensaa hir’achaa akka hin jirre qeequun, miseensonni paarlaamaa walaba ta’aniifi miseensonni ashaaraa magariisaa deeggaran faalamni qilleensaa saffisaan hir’achuu akka qabu gaafachaa jiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply