Awustiraaliyaan daa’immaniifi ijoollee umuriin isaanii waggaa 16 gadi ta’an miidiyaa hawaasummaa akka hin fayyadamne dhorkaa keesse.
Mootummaan biyyatti seera dhorkaa kana baatii Muddee irraa kaastee hojiirra oolchiti.
Awustraaliyaan dhiibbaa miidiyaan hawaasaa daa’imman irratti fide erga qoratee booda murtoo kanarra gahuu himuun, kunis biyyoota addunyaa keessaa ishee jalqabaa taasisa.
Daa’imti kamiyyuu akkaawuntii miidiyaa hawaasummaa akka hin banneef qixaan akeekkachiisaa jira.
Dhorkiinsi fayyadama miidiyaa hawaasaa umurii 16 fi isaa gadii daataa biyyattii hatamuu irraa baraaruu akka danda’us tilmaamameera.
Warreen falmitoonni adeemsi kun dhuguma daa’imman miidhaa fayyadama miidiyaa hawaasaan sammuu isaanii irra gahu hambisuu keessatti qooda ni qabaata garuu of-eeggannoon hojii irra ooluu akka qabu kaasanii bulchiinsi irteneetiinis kana hordofuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Madd: BBC
Daraartuu Tarreessaatiin