Ayyaanni Damaraa magaalaa Finfinneetti Paatriyaarkiin Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Eebbifamoo Abuna Maatiyaas argamanitti kabajamaa jira.
Abuna Maatiyaas Ayyaanicha kadhannaadhaan ifatti bananiiru.
Sirna kana irratti Abuna Maatiyaas, Angafa Phaaphaasii Waldaa Kaatolikii Itoophiyaa Kaardinaal Abune Birhaanee Iyyesuus; Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Addee Adanech Abeebee, Qondaaltonni olaanoo Federaalaa fi Magaalaa Finfinnee, abbootiin amantaa, keessummoonni affeeramanii, hordoftoonni amantaa, turistoonni biyyoota adda addaa irraa dhufan irratti argamaniiru.
Firehiwoot Biraanuutu gabaase