AMN PLUS- Guraandhala 17/2017
Baankiin Biyyaalessa Itoophiyaa guyyaa boruu caalbaasii sharafa alaa addaa akka gaggeessu beeksiseera.
Maallaqni biyya alaa caalbaasii irratti dhiyaatu Doolaara Ameerikaa miiliyoona 60 akka ta’e ibsuun, caalbaasichi baankota hundaaf banaa jedhameera.
Baankichi caalbaasii kana ilchisuun ibsa baaseen, fooya’inssi dinagdee gooroo Hagayya bara 2016 taasifame hordofuun madaallii kaffaltii biyya alaa sirraa’uu, maallaqa biyya alarra gara biyya keessatti ergamuu dabaluu fi sochiin kaappitaalaa biyya keessaa fooya’insa guddaa waan agarsiisef akka ta’e ifoomseera.