Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa kaffaltii sharafa alaa Doolaara biiliyoona 1 ol raawwate

You are currently viewing Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa kaffaltii sharafa alaa Doolaara biiliyoona 1 ol raawwate

AMN PLUS – Hagayya 10/2017

Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa kaffaltii sharafa alaa Doolaara biiliyoona 1 ol raawwadhe jedhe.

Baankichi yeroo yerootti sharafa alaa maamiltoot isaaf barbaachisu dhiyeessuun fedhii sharafa alaa biyyattii guutuuf shoora olaanaa bahachaa akka jiru ibseera.

Bu’uuruma Kanaan sharafa alaa guyyaa har’aa baankichaaf dhiyaataniin iyyannoowwan maamiltoota isaa hunda raggaasisuun sharafa alaa garaagaraa Doolaara miiliyoona 400 fi miiliyoona 20 fi kuma 400 gatiin walsiman fedhiiwwan garaagaraaf eeyyamuu eereera.

Eeyyamni sharafa alaa guyyaa har’aa torbanoota lameen Adoolessa 22, 2017 irraa eegalee eeyyamame dabalatee waliigala maamiltoota kuma 1 fi 140’f Doolaarri miiliyoonni 500 fi miiliyoonni 41 fi kumni 400 eeyyamamuu kaaseera.

Eeyyamni sharafa alaa kenname kun eeyyama sharafa alaa idilee guyya guyyaan boba’aa, xaa’oofi kaffaltiiwwan tajaajila biroof kennaman dabalataan kennamuus beeksiseera.

Baankichi akka lakkoofsa faranjootaa Adoolessa 1, 2025 irraa eegalee daldala alaa galuufi kaffaltiiwwan tajaajilaaf waliigala kaffaltiiwwan Doolaara biiliyoona 1.34 raawwateera.

Baankichi fedhii maamiltootaafi dameewwan tarsiimawaa biyyattii waliin walsimsuun dhiyeessii sharafa alaaf karaa idileen deebii kennuu akka itti fufu mirkaneesseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply