Baatiiwwan sadii keessatti daldaltoota seeran ala gatii hin malle dabalan kuma 5fi 760 irratti tarkaanfiin fudhatameera- Adde Habiibaa Siraaji

You are currently viewing Baatiiwwan sadii keessatti daldaltoota seeran ala gatii hin malle dabalan kuma 5fi 760 irratti tarkaanfiin fudhatameera- Adde Habiibaa Siraaji

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 14/2018

‎Sababa sirreeffama miindaa hojjetoota mootummaatiin daballiin gatii hin mallee akka hin mudanne hordofiifi to’annoo cimaa taasifamaa jiraachuu Hooggantuun Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Aadde Habiibaa Siraaj himan

Aadde Habiibaan turtii “Ijoo Dubbii AMN PLUS” waliin taasisaniin darbee darbee daldaltoota seeran ala gatii hin malle dabalan irrattis baatii Adoolessa irraa hanga Fulbaanaatti daldaltoota 5,760 irratti tarkaanfiin kan fudhatame ta’uu himaniiru.

‎Sirna daldalaa cimaa hojiirraa oolchuun cimee jira kan jedhan Aaddee Habiibaan sadarkaa amma jiru kanatti namni gatii dabale yoo ta’e sirna daldalaa keessaa baasuuf tarkaanfiin irratti kan fudhatamu ta’uu eeraniiru.

‎Hubannoon hawaasniifi daldatoonni sirna daldalaa irratti qabanis dabalaa jiraachuu kaasaniiru.

‎Rakkoon daballii gatiifi oomishaalee dhoksuu hir’achaa jiraachuu himuun biirichi gara fuulduraatti hojii daldalaa seera qabeessa taasisuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hordoffiifi to’annoo cimaa kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Sababa daballii miindaa hojjetoota mootummaatiin gatii oomishaalee irratti daballii hin mallee akka hin mudanne hordofiifi to’annoo cimaa taasisa jiraachuu himuun, hordoffii kanaanis tarkaanfiiwwan ciccimoon akka fudhataman ifoomsaniiru.

Daraartii Tarreessaatiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply