Ergaa Baga Geessanii Kantiibaa Adaanech Abeebee
Ayyanni Irreecha Ummanni Oromoo sirana waaqa umaa umaatiif galata ittin dhiyessudha.
Jaarmiyaalee Sirna Gadaa; kan Yuuneeskon Galmaahe, keessaa tokko kan ta’ee Ayyaanni Irreechaa calaqqeewwan bifa danuu, Bareedinaa fi Hawwata Addaa, Adunyaaf agarsiisan keessaa isa tokko yoo ta’u, mallattoo Nageenyaa, Kan jaalalaa, Kan waloominaa, Araara fi sirna
Injifannoowwan Uummatni Oromoo, Uummattoota Obbolaa, Sabaaf sablammoota hunda waliin ta’uun Qabsoo hadhaahaa adeemsiseen goonfate keessaa inni tokko Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee iddoo ganamaa isaatti deebihee akka kabajamu gochuu isaati. Kanaanis uummatni Oromoo waggootan 7n darban Magaalaa Finfinnee keessatti Karaa Seenaa, Aadaa, fi Duudhaa isaa eeggateen sadarkaa olaanan Sabaaf Sablammoota hunda waliin kabajaa jira.
Aadaa Waloon jiraachuu cimaa, fi waldanda’uun kan beekkaman jiraattotni Magaalaa Finfinnees, Ayyaana Obboleeyyan isaa Uummatni Oromoo Kabaju kana akkuma kana dura ayyaanotni uummataa kanneen biroo bifa hawwataa ta’een karaa nagaahan kabajamii akka xumuramaniif hijjechaa ture, Bifa Obbolummaa, fi Waliin jireenya keenya dagaagsu fi itichuu danda’uun uummata Oromoo Magaalaa keenyaa fi keessummootaa fageenya irraa dhufan waliin ta’uun, Ayyaanichi Duudhaa isaa eeggatee akka kabajamuuf, Hojii qulqullinaan, Adabaabayiiwwan adda addaa Bareechun, kenna tajaajilaani, fi hojiilee gocha gaarii adda addaatin kan kanaan dura ture caalatti bifa Hawwata turizimii walitti fufaa fi Sochii diinagdee olaanaf oolun Afuura Obbolummaa Sabdaneessummaan socho’uun kabajuuf qophii isaa xumuree jira.
Jabana kana Jiraattotni Magaalaa Keenyaa hundi Ayyaanotni Uummataa kanneen Adabaabayii irratti kabajaman hunda jala bultii irraa kaasee hanga xumuramanitti hojiilee Gocha gaarii adda addaa irratti hirmaachun nageenya fi miidhagina isaaniif shoora olaanaa waan taphattaniif maqaa koo fi maqaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetin isin galateeffachuun barbaada.Hanga xummura ayyanichattii gocha fakkenyummaa kana cimsuin akka ittifuftan amantaan qaba.
Irra deebihuun, Baga Kabaja Ayyaana Irreechaa Bara 2018tin isin gahe!
Waaqayyo Itoophiyaa fi Uummattoota ishee haa eebbisu!