Bakka buutonni Dhaabbileefi waldaalee ajandaa mariin qindeessan waltajjii olaanaaf dhiheessan

You are currently viewing Bakka buutonni Dhaabbileefi waldaalee ajandaa mariin qindeessan waltajjii olaanaaf dhiheessan

AMN PLUS Caamsaa 23/2017

Bakka buutonni boqonnaa marii ajandaa walitti qabuu Dhaabbilee Federaalaafi Waldaalee irratti hirmaataa jiran garee 7 jalatti gurmaa’uun ajandaawwan isaanii qindeessaa oolaniiru.

Oolmaa har’aa waaree boodaan ajandaawwan gareesaanii karaa walitti qabdooota gareen hirmaattota waliigalaaf dhiheessaniiru.

Ajandaawwan tarreeffamaan dhihaatan karaa bakka buutota 14 gareewwan 7 irraa filatamaniin warren bu’uura ta’an filatamanii sanada tokkoon gurmaa’u.

Gareewwan ajandaasaanii dhiheessan torbanis bakka buutota Amantiifi dhaabbilee dimokiraasii, qaamolee mootummaa, dhaabbilee miidiyaafi rogeeyyii miidiyaa hawaasaa , Paartilee Siyaasa, qaamolee nageenyaafi tasgabbii, bakka buutota namoota dhiibbaa uumanii, waldaaleefi dhaabbilee garagaraati.

Ajandaawwan gurmaa’anis bor hirmaattotaaf erga dhihaatanii booda waltajjiin marii ajandaa walitti qabuu Dhaabbilee Federaalaafi Waldaalee ni goolabama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply