Taateen Naannoo Kibbaa fi Kibba Lixa Itoophiyaatti mul’ate caccabaa hawaa ykn dhagaa miitiyoor kan fakkaatu dha – Waldaa Saayinsii Hawaa Itoophiyaa

You are currently viewing Taateen Naannoo Kibbaa fi Kibba Lixa Itoophiyaatti mul’ate caccabaa hawaa ykn dhagaa miitiyoor kan fakkaatu dha – Waldaa Saayinsii Hawaa Itoophiyaa

AMN PLUS – Amajjii 2/2017

Taateen Kaleessa galgala Naannoo Kibbaa fi Kibba Lixa Itoophiyaatti mul’ate caccabaa hawaa ykn dhagaa miitiyoor kan fakkaatu ta’uu Waldaan Saayinsii Hawaa Itoophiyaa beeksiseera.

Gara kibba biyyattiitti eda galgala gareen qaamolee adda addaa ibidda fakkaatan saffisa guddaadhaan samii irra socho’aa mul’ataniiru.

Maalummaa taatee kanaa sirritti ibsuuf haala jiru itti dhiyeenyaan hordofaa akka jiru Waldaan Saayinsii Hawaa Itoophiyaa ibseera.

Hanga qorannoon xumuramutti namni hundi tasgabbiin akka eegus dhaameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply