Balaa lolaa ittisuu fi bulchuun faayidaa diinagdeef oolchuun ni danda’ama – Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa

You are currently viewing Balaa lolaa ittisuu fi bulchuun faayidaa diinagdeef oolchuun ni danda’ama – Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa

AMN PLUS- Sadaasa 1/2018

Balaa lolaa sirnaan hogganuun gara carraatti jijjiiruun ni danda’ama jedhan Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan.

Ministeerichi qorannoo hojii Ittisa balaa lolaa dhiyaaterratti qooda fudhattoota waliin mari’achuu Raawwatan Hojii Hariiroo Ummataa fi Kominikeeshinii ministeerichaa Geetinnaat Simeen AMN Diijitaalitti himaniiru.

Balaa lolaa sirnaan hogganuun gara carraa fi bu’aatti jijjiiruun akka danda’amu Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan maricharratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Baroota darban keessa yaa’awwan balaa lolaaf saaxilamoo ta’anirratti hojiin hojjetame bu’aa galmeessuu eeruun, yeroo itti aanuus argannoo qorannoo bu’uura taasiisuun balaa lolaa gara carraa fi bu’aatti jijjiiruuf ni hojjetama jedhan.

Balaa lolaa sirnaan ittisuu fi bulchuun faayidaa diinagdee, hawaasummaa fi kanneen biroof oolchuun akka danda’amus himan.

Hoggantoonni mootummaa fi qooda fudhattoonni gara garaa waltajjicharratti argamaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply