AMN PLUS- Onkoloolessa 14/2018
Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Itoophiyaa duraanii Obbo Hordofaa Baqqalaa Itoophiyaan uummata Miliyoona 130 ol qabdu ulaa galaanaa dhabuun ishee dogoggora seenaati jedhan.
Dooktarri Kabajaa Hordofaan, AMN PLUS waliin turtii taasisaniin, “Balballi sirratti cufamee hin teessu, karaa foddaa baata, yoo isas hin taane tooftaa biraa barbaaduun hin oolu” jedhan.
Itoophiyaanis karri itti cufamee taa’uurra karaa seeraa fi dippliloomaasii akkasumas tooftaawwan ulaa galaanaa argamsiisaniif kamiyyuu fayyadamuun, balbala ishee banachuu akka qabdu dubbatanii jiru.

“Bulchiinsi ADWUI seenaa keessatti dogoggora hojjateen, Eertiraan akka citttu taasisuun ulaa galaanaas waliin dabarsee kennuun karra cufaatti Itoophiyaa hambisuu isaan osoo jiraatee dhiifama gaafachuu qaba ture” jechuun ibsaniiru.
Ijipti Itoophiyaan ulaa galaanaa akka hin arganne biyyoota hojjataa turan keessaa tokko ta’uu caqasuun, Eertiraan akka cittu taasisuu keessatti qooda lammiin Ijipti Butiroos Gaalii olaanaa akka ta’e kaasuun, kunis kan ta’e Itoophiyaan diinagdeen akka hin guddanne taasisuufi” jedhan.
Gaaffiin ulaa galaanaa argachuu kan mootummaan Itoophiyaafi uummatni walta’uun hamma galma ga’iinsa isaatti waliin tarkaanfatan ta’uu akka qabus turtii AMN PLUS waliin taasinaniin yaadachiisaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin