Balfa Magaalaa Finfinneerraa madduu gara humna haaromeetti jijjiruuf waligalteen mallatteeffame

You are currently viewing Balfa Magaalaa Finfinneerraa madduu gara humna haaromeetti jijjiruuf waligalteen mallatteeffame

AMN PLUS- Ebla 16/2017

Waliigaltichi Garee Inarjii Shaanzhii, Dhaabbata Biyyaalessa Elekirikii Injinaringii Chaayinaa fi Dhaabbata Koovinaant Injinarigii Jarmanii gidduutti mallatteffame.

Waliigaltichi Magaalaa Finfinnee naannoo Raphii bakka itti balfi gatamu gara Paarkii haala itti jijjiruun danda’amuu fi filannoo annisa bal’isuun galii dabalataa fiduu kan danda’u ta’uu isaa Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Hoji-gaggeessaa Olaanaa Magaalaa Finfinnee Wandimmuu Seettaa (Injinar) dubbataniiru.

Dhaabbileen kunneen muuxannoo guddaa balfa gara annisaatti jijjiruratti kan qaban ta’uu kan ibsan Hoji-gaggeessichi, waliigaltichi magaalitti qulqulluu fi miidhagduu akkasumas hojii magaalaattii Ismaartii taasifamaa jiru kan deeggarudha jedhan.

Hoji-Gaggeesituun dhaabbata Koovinaant Injenariingi Qaalkidaan Gaashawuxannaa (Injinar) gama isaaniin waliigaltichi gara hojiitti yeroo galu naannoo mijitaa uumuurra darbee lammiilee hedduuf carraa hojii kan banudha.

Waliigalticharratti Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Hoji-gaggeessaa Olaanaa Magalaa Finfinnee Wandimmuu Seettaa (Injinar) dabalatee Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Cheen Haay fi qooda fudhatoonni argamaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply