Bara 2017tti turistoonni miiliyoona 10 ol Finfinnee daawwataniiru- Komishinii Turizimii Finfinnee

You are currently viewing Bara 2017tti turistoonni miiliyoona 10 ol Finfinnee daawwataniiru- Komishinii Turizimii Finfinnee

‎AMN PLUS – Hagayya 10/2017

‎Hojiiwwan misoomaa Magaalaa Finfinneetti hojjetamaniin yaa’insi tuuristootaa dabaluun madda dinagdee magaalichaa guddisaa jirachuu Komishiniin Tuurizimii Finfinnee beeksise.

‎Komishinarri Komishinii Tuuriizimii Finfinnee Obbo Hundee Kabbadaa AMN Digital waliin turtii taasisaniin, misoomni Magaalaa Finfinnee qulqullinaafi miidhagina magaalaa dabaluun maqaa gaarii biyyaa addunyaaf beeksisaa jiraachuu himan.

Kana hordofees yaa’insi tuuristii dabaluun dinagdeen magaalichaa akka guddatuuf gumaacha olaanaa bahachaa akka jiru himan.

‎Misoomni Magaalichaa bu’uura ta’uun Yeroo jalqabaatiif yaa’insi tuuristootaa biyya alaa Miliyoona tokkoo ol tahuu himanii, tuuristoonnis waan karoorfatanii dhufaniin olitti magaalicha irra waan guddaa argachuu dandahuu isaanii dubbataniiru.

‎Bara 2017 qofa tuuristoota biyya alaa Miliyoona tokkoo fi kuma 26 fi tuuristoonni biyya keessaa Miliyoona 9 ol Finfinnee kan daawwatan tahuu kan himan Obbo Hundeen, yaa’insa tuurizimii biyya alaa irraa galiin birrii Biliyoona 143 fi kan biyya keessaa Biliyoona 55 argamuun dinagdee magaalichaatti akka dabalamu tahuu himaniiru.

‎Gama biraatiin, Magaalaan Finfinnee pirojektoota gurguddoo kanneen akka Yaadannoo Injifannoo Adawaa fi Giddu-gala Konveenshinii Idil addunyaa Addis ijaaruun ishee taateewwan Idil-Addunyaa tahan Finfinneetti akka gaggeeffamaniif shoora guddaa taphataa jiraachuu himaniiru.

‎Magaalichatti hojii misooma koridarii karaa fakkeenyummaa qabuun hojjetameen miidhaginnii fi hawwattummaan magaalichaa dabaluun, konfiraansiiwwan gurguddoo sadarkaa Afrikaa fi Idil-Addunyaa tahan 150 akka gaggeeffamaniif bu’uura guddaa tahuu himaniiru.

‎Konfiraansiiwwan gurduddaan sadarkaa Idil-Addunyaatti magaalichatti gaggeeffamuun ammoo dinagdee maddisiisuun guddina tuurizimii magaalichaaf gumaacha guddaa qabaachuu kan ibsaan Obbo Hundeen fuuldura kanattis Waltajjiin jijjiirama Qillensaa Addunyaa Finfinneetti gaggeeffamuuf akka jiru AMN Digital’f himaniiru.

Konfiransii kana irratti hirmaattonni kuma 5 ol akka hirmaatan ni eegama.

‎Daraartuu Tarreessaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply