Bara Haaraa ummata Goofaa ‘Yoo Masqalaafi Gaazee’ sababeeffachuun fiigichi KM 8 adeemsifame

You are currently viewing Bara Haaraa ummata Goofaa ‘Yoo Masqalaafi Gaazee’ sababeeffachuun fiigichi KM 8 adeemsifame

AMN PLUS- Fulbaana 12/2018

Bara Haaraa ummata Goofaa ‘Yoo Masqalaafi Gaazee’ sababefachuun fiigichi daandiirraa KM 8, mata duree “Tokkummaafi Guddina godinaa koof nan fiiga” jedhuun adeemsifame.

Qophessumaa FAN Itoophiyaa fi godinaa Goofaa waliin ta’uun dorgommiin KM 8 dandiirra bifaa ho’aa ta’een goolabameera.

Fiigicha kana irratti argamuun ergaa kan dabarsan Mana Maaree Bakka Bu’oota Uummataatti Wamamaa Mootummaa olaanaan Tasfayee baljigee (PhD) Godinni Goofaa turizimiin badhaatuufi ummanni nagaafi jaalalaan keessa jiraatan ta’uu himan.. Godinicha kana caalaa beeksisuu keessatti hojii caaluuf akka qophaa’uu qaban dubbataniiru.

Bulchaan Godina Goofaa Injinar Daagimaawwi Ayyalaa fiigicha KM 8 kana Fan Itoophiyaa waliin ta’uun Turizimii Goofaa beeksisuu keessatti shoora olaanaa akka qabu himan.

Hundeessituun Fan Itoophiyaa Atileet Fantuu Magessoo, Figichi daandiirra marsaa 13ffaf akka dorgomome himuun kan barana godina Goofaa keessatti adeemsifamuunsaa atileetota carraa dhaban akka ba’aniif shoora qaba jette.

Atileetota koorniyaa lamaaniinuu sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa bahaniif badhaasni onnachiiftuu kan kennameef yoo ta’u gara fuulduraattis kilabii keessa akka seenaniif haalonni akka mijataniif Atileet Fantuu Mageessoon dubbatteetti.

Rabbirraa Hirphaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply