Isin walitti fufiinsaan sa’aatii meeqaaf qayyabattanii beektu? Daa’imman keessan yeroo hagamiif akka qayyabatan dirqisiistu?
Barataan umriin isaa waggaa 11 ta’e yeroo dheeraa fudhatee hoji-manee hojjete akka qayyabatu maatiin isaa dirqisiisan turtii sa’atii 14’n booda hospitaala galuun ibsameera.
Dhimmichi Chaayinaa bakka addaa Chaangishaa jedhamutti kan mudate yoo ta’u barataan dhibeef saaxilame erga hospitaala galee qorannoo fayyaa taasifameefiin sirni hargansuu isaa miidhamu ogeeyyiin fayyaa ibsaniiru.
Barataan rakkoof saaxilame kun yeroo dheeraaf bakka tokko turuun maashaan sirna hargansuu isaa miidhamuu himan.
Dhibeen akkasii yeroo dheeraa waan tokkorra turuu dabalatee yeroo dheeraaf moobaayilii harkaa tuttuquun osoo hin hafiin dhibee kana fakkaatuuf akka nama saaxilu hubachiisaniiru.
Maatiin barattootaas yeroo dheeraa fudhachuun altakkatti akka qayyabatan taasisuu caalaa karooraan akka socho’an haala mijeessuun akka irra jiraatu gorsuusaanii ‘Oddity Central’ gabaasera.
Iddoosaa Abdiitiin