Balaa Ibiddaa sirna cidhaa irratti mudateen lubbuun namoota 100 darbe

You are currently viewing Balaa Ibiddaa sirna cidhaa irratti mudateen lubbuun namoota 100 darbe

AMN Fulbaana 16, 2016:- Iraaqitti balaa Ibiddaa mudateen namoonni sirna cidhaarra turan 100 lubbuun darbuu gabaafameera.

Namoota 150 olirra ammoo miidhaan qaamaa qaqqabuu BBCn gabaaseera.

Richiitiin cidhaaf dhukaafame ka’umsa balaa kanaa ta’uu hin oolle jedhameera.

Misirroowwanis kanneen miidhaman keessaa isaan tokko ta’uu aanga’oonni biyyattii ibsaniiru.

Waldaan Addeessaa Diimaa Iraaq gama isaan sababa balichaan waliigala namoonni 450 ol miidhamuu ibseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review