Barattoonni Yuunivarsiitii Abuudaabiitti baratan torbee aadaa Yuunivarsiitichatti qophaa’e irratti aadaa biyyasaanii beeksisaniiru.
Barattoonni kunneen sirna kabaja ayyaanichaarratti hambaalee aadaa, amantiifi seenaa, nyaataafi uffata aadaa naannolee addaa addaa, sirboota aadaa, sirna buna danfisuufi kanneen biroo lammiilee biyyoota biroof beeksisuu isaanii Abuudaabiitti Imbaasii Itoophiyaarraa odeeffanne.