Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qabxii olaanaa galmeessaniif badhaasaafi beekamtiin kenname

You are currently viewing Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qabxii olaanaa galmeessaniif badhaasaafi beekamtiin kenname

AMN PLUS-Onkoloolessa 7/2018

Biiroon Barnootaa Oromiyaa barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 qabxii olaanaa galmeessaniif badhaasa kenneera.

Dabalataanis, manneen barnootaa barattoota guutumaatti dabarsaniifi qaamolee milkaa’ina barnootaaf tumsaniif badhaasaafi beekamtiin kenneera.

Badhaasni kunis barattoota qabxii waliigalaa 500 ol galmeessaniif kennameera.

Haaluma Kanaan, koorniyaa lamaaninuu barattoota sadarkaa 1ffaa bahan birrii kuma 100, 2ffaa kan bahaniif birrii kuma 75 fi 3ffaaf ammoo birrii kuma 50 badhaaseera.

Badhaasaafi beekamtiin kun manneen barnootaa barattoota dabarsuun sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaatti qabataniif kan kenname yoo ta’u, manni barnootaa Bultii Addaa Dodolaa badhaafamaa waancaa ta’uu isaa odeeffannoon KNO nuuf erge ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply