Barattootni qabxii caalmaan fooyya’aa ta’e akka galmeessaniif qophiin dursaa taasifameera- Zalaalam Mulaatuu (Dr.)

You are currently viewing Barattootni qabxii caalmaan fooyya’aa ta’e akka galmeessaniif qophiin dursaa taasifameera- Zalaalam Mulaatuu (Dr.)

‎AMN PLUS – Fulbaana 4/2018

‎Bara 2018’tti barattootni qabxii fooyya’aa akka galmeessaniifi naamusa gaarii akka horataniif haalaan hojjatamuu isaa Hoogganaan Biiroo Barnootaa Magaala Finfinnee Zalaalam Mulaatuu (Dr.) ibsan.

‎Bara 2017’tti Finfinnee Barattoota qormaata Kutaa 12ffaaf dhiheessite keessaa harka 25.9 dabarsuun 1ffaa yoo taatu, Barattoota qabxii 500 fidan 888 qabachuun 1ffaarra teesseetti.

Qabxiin argame kun bu’aa caalaaf akka kakaasu kan himan Dr. Zalaalam, Bara 2018tti adeemsa baruufi barsiisuu si’ataa taasisuuf hojiin manneen barnootaa haaressuu raawwatamuu dubbataniiru.

‎Bara barnootaa haaraatti qabxii barattootaa caalmaan fooyyessuufi dhaloota amala gaarii qaban horachuuf qooda fudhattootnis hirmaannaa taasisaa akka jiran himan.

‎Meeshaalee deeggarsa barnootaa, uffata Dambii (yunifoormii) fi soorata akkasumas wantoota barbaachisoo ta’aniin qophiin taasifamuu beeksisaniiru.

‎Dhiibbaa miidiyaan hawaasummaa barattoota irratti qabu qolachuuf abbootii amantaa, qaamolee nageenyaafi ogeessota sabaa himaalee garaa garaa wajjin ta’uun akka hojjatamaa jiru ibsaniiru.

‎Maatiifi hawaasni manneen barnootaa haala barattoota isaa hordofuun hojii baruufi barsiisuu keessatti akka hirmaannaa gahaa tahe taasisu gaafataniiru.

‎Hojiin baruufi barsiisuu baranaa bor jechuunis Fulbaana 5, bara 2018 eegala.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply