Bareedduun Irrechaa ayyaanicha addunyaaf beeksisuuf filatamti- Aadde Gannat Makonnin

You are currently viewing Bareedduun Irrechaa ayyaanicha addunyaaf beeksisuuf filatamti- Aadde Gannat Makonnin

‎AMN PLUS- Fulbaana 15/2018

‎Bareedduun Irreechaa maalummaa Irreecha hubachiisuufi addunyaaf beeksisuuf kan filatamtu ta’uu Itti Gaafatamtuun Waajjira Aadaafi Turizimii bulchiinsa magaalaa Bishooftuu Aadde Gannat Makonnin himan.

‎Biiroo Aadaafi Tuuriizimii Oromiyaa, Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuufi Hooteelaafi Rizoortii Shanan waliin ta’uun dorgommii Bareedduu Irreechaa qopheessaa akka jiranis AMN Dijitaalitti himaniiru.

‎Oromoon nama nama hin caalchisu, dubartiinis dubartii hin caaltu, kan jedhan Aadde Gannat Makonnin miidhagduu filachuun garuu mala ittiin aadaafi duudhaa uummata Oromoo ittiin beeksifamuu, akkasumas ijaarsa biyyaa keessatti Oromoon ga’ee guddaa qabaachuu addunyaaf ibsinuudha jedhaniiru.

‎Dorgommiin bareedduu Irreecha kun ulaagaan isaa Shamarree Aadaa, seenaa, Afaan Oromoofi dudhaa Oromoo sirriitti beektuu fi maalummaa Irreechaa Addunyaaf ibsuu kan dandeessuu ta’uu ibsaniiru.

‎Kunis Fulbaana 20 Magaalaa Bishooftuu Hooteelaafi Rizoortii Shanan keessatti kan gaggeeffamu ta’uu yaadachiisaniiru.

‎Bareedduu Irreechaa ta’uun 1ffaa kan baatuuf birrii kuma 500 kan badhaafamtu ta’a jedhaniiru.

‎Sadarkaa 2ffaa kan baatuuf birrii Kuma 300, sadarkaa 3ffaa kan baatuuf immoo birrii kuma 150 ni badhaafamu jedhameera.

‎Haati carraa Bareedduu Irreecha ta’uun filatamtu Irreecha Addunyaaf kan beeksiftu ta’uu himaniiru.

‎Irreechi yaroo kabajamu tokkummaa uummata Oromoo mirkaneessee waloominni saboota biroo fi addunyaas kan itti mul’atu ta’uu dubbataniiru.

‎Daraartuu Tarreessaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply