AMN PLUS- Bitootessa 1/2017
Barreessaa Olaanaa IGAD Warqinaa Gabayyoo (Dr.) Dura Taa’aa Komishinii Haaraa Gamtaa Afrikaa waliin mari’atananiiru.
Barreessaa Olaanaa Warqinaa (Dr.) marsaa hawasaa isaniitiin ergaa dabarsaniin, Dura Taa’aa komishinii haraan Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yuusuuf dura ta’aa ministeerota IGAD yeroo turan hoggansa kennaniif galateeffataniiru.
Barreessaan Olaan itti dabaluudhaan, michummaa cimaadhaan qormaata naannichaa irra aanuuf walitti dhiyeenyaan ni hojjenna jedhan.
Warqinaa (Dr.) IGAD fi Gamtaan Afrikaa naannichaa fi Afrikaatti nagaa, nageenyaa fi badhaadhina milkeessuuf hojii waloo eegalan cimsanii akka itti fufan amantaa guutuu qaban ibsuun, bara hojii haaraa isaanii keessatti yeroo hojii milkaa’aa akka isaaniif ta’u hawwaniiru.