Barri Haaraan dhufu injifannoowwan turan daran bal’isuuf bara itti hojjatamudha- Ministeera Tajaajila Komunikeeshinii Federaalaa

You are currently viewing Barri Haaraan dhufu injifannoowwan turan daran bal’isuuf bara itti hojjatamudha- Ministeera Tajaajila Komunikeeshinii Federaalaa

‎AMN PLUS- Hagayya 27/2017

‎Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa Laggasa Tulluu (Dr.) bara haaraa dhufu bara 2018’tti injifannoowwan kanaan dura argaman daran bal’isuuf, danqaalee mudatan hir’isuuf karoorfamuu isaa Ibsa kennaniin beeksisanii jiru.

‎Ministirichi haala yeroo irratti ibsa kennaniin, Itoophiyaan rakkoo maallaqaa ulfaataa keessa turte keessaa baatee gara jijjiirama diinagdee maakroo guutuutti ce’uu ishee ibsaniiru.

‎Seenaa Anniisaa haaromfamaa irratti ajandaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta’uu keessaa Injifannoodhaan baasneerra jechuun dubbatan.

‎Boqonnaa heddummootni hin danda’amu jedhanis akka cufuun danda’ame ibsan. Lammiileen Itoophiyaa dhiiga, dafqa fi humna isaaniin Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa, pirojektii Afrikaa guddicha ta’e mootummaa waliin ta’anii ijaaranii akka xumuranis ibsanii jiru.

‎Barri 2017 Itoophiyaaf bara baay’ee milkaa’aa ta’uus eeraniiru.

‎Injifannoowwan kana daran babal’isuu fi qormaata hir’isuuf bara haaraa dhufuuf karoorri bal’aan qophaa’ee, kana bu’uura godhachuun sochiin kan eegalame ta’uu ibsaniiruu.

‎Ministirichi Qaammeen jala bultii waggaa haaraa ta’uu ibsuun, guyyootni Qaammee Shanan taateewwan adda addaatiin kabajuuf qophiin akka taasifame beeksisaniiru.

‎B’uuruma Kanaan;-

‎Qaammee 1 Guyyaa Obsaa,

‎Qaammee 2 Guyyaa Kabajaa,

‎Qaammee 3 Guyyaa Galma Ga’iinsa,

Qaammee 4 Guyyaa Bayyanachuu

‎Qaammee 5 immoo Guyyaa Egeree jedhamee akka kabajamu Ministirichi beeksisaniiru.

‎Guyyoonni kunneen akka biyyaatti naannolee fi bulchiinsa magaalaa hunda keessatti akka kabajaman akeekaniiru.

‎Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply