Qusannaa fi Liqiin Riqicha Cehumsa Qonnaa Oromiyaati -Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

You are currently viewing Qusannaa fi Liqiin Riqicha Cehumsa Qonnaa Oromiyaati -Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

AMN PLUS, Guraandhala 13, 2017

Qusannaa fi Liqiin Riqicha Cehumsa Qonnaa Oromiyaati jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Naannoon Oromiyaa seektara qonnaatiif haala mijataa akkasumas dilbii baldhaa qabaatus, gara bu’aa dinagdee qabatamaatti jijjiiruun osoo hindanda’amin har’a gaheera.

Qonni keenya harkaa gara afaanii irra darbee ummata hiyyummaa keessaa baasun humna dinagdee ta’uu hindandeenye.

Mootummaan Jijjiiramaa keenya, imaammata, tarsiimoofi sagantaalee adeemsa yaraa kana maqsan qofa osoo hintaane, sektaricha gara ka’umsa badhaadhina hundagaleessatti ceesisan bocuun hojiitti seene.

Jalqabbii jiruunis, xurreen milkaa’inaa argameera. Hundaa’ol ammoo raawwii qabatamaa imala fulduraatiif muuxannoo nuuf ta’u horachuun danda’ameera.

Haata’uutii, har’as taanaan, qonni keenya gahumsa cehumsa qonnaafi dinagdee dandamataa mirkaneessuu goonfachuu irraa fagoo jiraachuu qalbeeffachuu qabna.

Gama tokkoon, ammallee dinagdee ji’oota muraasa bira darbee kuufame hinhoranne jechuudha. Halli amma itti tirachaa jirru, hiyyummaa ammaan tana ummanni keenya keessa jirrullee sadarkaa irra jirutti daangessuu kan nudandeessisu akka hintaane mamii tokko malee fudhachuu qabna.

Gama birootiin, cehumsa caasaa qonnaa keenya dhugoomsuuf, guddinni gama omishaafi oomishtummaatin galmeessaa jirru qofti gahaa miti.

Guddinni gama omishaafi oomishtummaan galmaa’aa jiru, qusannaafi invastimantiin utubamee gara gulantaa ittaanutti yoo hinceene, fedhii soorattummaa (consumerism) guddisuun amala yaraa umurraa kan hafe, cehumsa dinagdee hinmirkaneessu.

Mootummaan jijjiiramaa keenyas, yaaddoo kana hambisuuf, kallattii qusannaa mootummaafi dhuunfaa, aadaa liqeeffannaa dhuunfaa, akkasumas seera, labsiiwwaniifi qajeelfamoota invastimantii, hirmaannaa qoteefi horsiisee bultoota keenyaa jajjabeessan baasuun socho’uu irratti argama.

Imala hanga ammaatiin jalqabbiiwwan gaggaariin muldhatan haaluun hindanda’amu.

Aadaa qusannaa hawaasa keenyaa sadarkaa olaanatti jijjiirun yeroo fudhatus, hanga tokko onnachiisuun danda’amaa jira.

Hidhata dadhabaa hawaasa keenyafi baankilee daladalaa gidduu ture, baankii hammattummaa faayinaansii keenya guddisu ijaarun fooyyessuu irratti argamna.

Qoteefi horsiisee bultoonni keenya sanyii fooyya’aa, xaa’oofi jallisii irratti invast gochuu jalqabaa jiru.

Dhimmi ariitii, baay’inaafi qulqullinaa, akkasumas omisha gabeessuu (commercialization) xiyyeeffannoo qoteefi horsiisee bultoota keenya akka argatan ta’aa jiru.

Seerri invastimantii qoteefi horsiisee bultootaf dursa kennu bahee hojiitti galeera. Lafti invastimantii lizii irraa bilisaan qoteefi horsiise bultootaaf dhiyaachaa jira.

Bu’uuruma kanaan humna dinagdee invastimantii kurfeessa omisha qonnaa irratti bobba’uuf isaan dandeessisu horachaa jiru.

Kanaaf ragaa guddaa kan ta’u, piropoozaalota invastimantii bara kana akka naannotti mirkaneessine keessaa %70 kan qoteefi horsiisee bultootaa, akkasumas dargaggootaa ta’uu akka bu’aa qabatamaatti kaasuu dandeenyaa.

Haata’u malee, ammas qaawwaalee babaldhaa hedduu akka qabnu fudhachuun dhimma boruuf jedhamuu miti.

Qusannaa badhaadhina maatii yoofudhanne, maatiin kamuu omishaafi omishtummaa hojii irratti bobba’e dabaluu qofa osoo hintaane, wanta hojjatee argaturraa %35 akka qusatu raawwachiisuuf kallattiin kaa’amee socho’amaa tureera.

Guddinni gama omishaafi oomishtummaatin muldhate jajjabeessaa ta’us, qusannaan hammantaa (extent) guddina omishaafi kallattii kaa’ameen osoo hindabalin hafeera.

Kana jechuun, omishti dabalataa keenya guutumatti qabeenya dabalataa umuuf osoo hintaane, amala soorattummaa dabalataa umuuf oolaa akka jiru agarsiisa.

Akkuma armaan olitti kaasuf yaalle, karaan akka kanaa kun faallaa milkaa’ina guddina ummatafi biyyaati.

Akkuma ‘cabarratti baqaqa’ jedhan, raawwiin fedhii liqeeffannaa dagaagsuu irratti galmeessine ammoo kan qusannaatii gadidha.

Hammi liqeeffannaa qoteefi horsiisee bultoota keenyaa qusannaa taasisan irraa daran gadi bu’aadha.

Kanaanis, abdiin gama qusannaa dagaagsutiin muldhate, rakkoo hanqina liqeeffattootatiin qormaata keessa galaa jira.

Ka’umsi ijoon taatee kanaa, paakeejii qusattoota (horsiiseefi qotee bulaa) qusannaa isaanirraa fayyadamaa taasisu baldhinaafi haala qabatamaa isaanii yaada keessa galcheen qopheessuu irratti hojii gahaa raawwachuu dhabuu keenyadha.

Hiikoon hanqina kanaa maali? Gama tokkoon, qonni keenya qixa barbaadameen gara dinagdee sochoosutti ce’aa kan hinjirre, gama birootin qonnaafi horsiisee bultoonni, akkasumas dargaggoonni keenya qixa barbaadameen qabeenya dabalataa umuutti ce’aa akka hinjirre kan agarsiisudha.

Kanaaf ka’umsoota hedduu tarreessuu dandeenyus, inni ijoofi irraa barachuu qabnu hoggansi gama kanaan kennine gadi aanaa ta’uu isaati.

Akkaatuma kanaan dhimmoota caasaan mootummaafi paartii akkasumas hoggansi sadarkaan jirru yeroo ittaanutti irratti xiyyeeffachuu qabu haa ilaallu:

TOKKOFFAA: kallattiiwwan qusannaa humna badhaadhina maatii kaa’aman qixa barbaadamuun hojiirra oolchudha. Bu’uuruma kanaan, hoji manee aadaa qusannaa keenya sakatta’uu, qeequufi jajjabeessuu, namni kamuu “account” baankii akka saaqqatu gochuu, paakeejii namoonni qusatan, qusannaa isaanii irraa ittiin fayyadaman qopheessuu, akkasumas qusannaafi liqii haala qabatamaa qoteefi horsiisee bultootaa yaada keessa galcheen walitti hidhuu irratti haala ittifufiinsa qabuufi kalaqarratti hundaa’en raawwachuu qabna.

LAMMAFFAA: qaawwa baldhaa gama beekumsa faayinaasii bu’uuratiin (financial literacy) jiru leenjiiwwan hubannoo ittifufiinsa qaban kennuun hanga tokko dhiphisuu; rakkoo kenniinsa tajaajilaa seera invastimantii qoteefi horsiisee bultoota jajjabeessuuf bahe danqaa jiru osoo olee hinbulin hiikuu; qoteefi horsiisee bultoonni, invastimantii damee qonnaa irratti taasisan cinaatti, haala mijataa carraalee invastimantii dameelee biroo keessatti argamanitti ce’uuf isaan dandeessisu umuu; sektaraalee dhimmichi ilaallatu gidduutti qindoomina umuu.

Walumaagalatti, milkaa’inni mul’ata kanaa ajandaa jijjiirama qonnaa keenya keessatti sirna faayinaansii caaseffama qabu hangam bu’a qabeessa taasifne kan jedhurratti hundaa’a.

Kun marii imaammataa qofa miti; waamicha hojiiti.

Kanaafis, caasaan siyaasaafi hoggansi keenya sadarkaan jiru ittigaafatamummaa kana guutummaatti fudhachuun, sabboonummaa GOCHAAfi aantummaa ummataa olaanan akka sochoonu cimsee hubachiisun barbaada.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply