Barri Qaroomina Goondar Lammaffaan eegalameera- Obbo Tamasgeen Xurunaa

You are currently viewing Barri Qaroomina Goondar Lammaffaan eegalameera- Obbo Tamasgeen Xurunaa

‎AMN PLUS-Onkoloolessa 28/2018

‎Itti Aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa barri qaroomina Goondar lammaffaan akka eegalame beeksisan

Obbo Tamasgeen ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, Dallaan Galmaa Faasiil waggoota 400f tuffatamee turee fi sababa nama haaromsu dhabeef dulloomee turuu ibsan.

‎Haa ta’u malee hooggansaa fi hordoffii Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) taasisaniin Galmii Mootii Faasil akka dureetti deebii’ee miidhagee mul’achaa jiras jedhaniiru

‎Daandiin Goondar, Azazoo irraa gara Piyaassaatti geessu deebi’ee dhalachuun haala bareedaa ta’eefi mijataa ta’een akka suphames himaniiru.

‎”Eegalamee osoo hin xumuramin hafuun seenaan isaa jijjiirameera, kufanii ka’uu, dadhabanii jabaachuun fakkeenya ta’eera. Lagni garagalfamee jira, boqonnaa murteessatti ceeneerra” jedhan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply