Beeksisa Qacarrii ogeeyyii Dandeettii addaa qophiilee bashannanaa qaban miindessuf bahe!

You are currently viewing Beeksisa Qacarrii ogeeyyii Dandeettii addaa qophiilee bashannanaa qaban miindessuf bahe!

Addis Miidiyaa Neetwork dargaggootaafi shamarran dandeettiifi kennaa qophiilee bashannanaa Televizhiinii Afaan Oromoo qopheessuufi dhiheessuu qaban haala adda ta’een miindessuun hojjechisiisuu barbaada.

Kanaafuu, dargaggoonniifi shamarran dandeettii fi kennaa qophiilee bashannanaa Televizhini qopheessuu fi dhiyeessuu ykn host gochuu qabdan, har’a Eebila 20 bara 2017 irraa eegaluun guyyoota hojii 10’f galmaahuu dandeessu.

Dorgomtoota gosa barnootaafi sadarkaa barnootaa hundarra jiran kan keessummeessu yoo ta’u, Moodeloonniifi Artiistoonni kennaafi dandeettii qophiilee bashannanaa qopheessuu qabdanis affeeramtaniittu.

Bakki galmee: Finfinnee, Waajjira AMN naannawaa 5 Kilootti argamu, Biiroo lakk. 05

Addis Miidiyaa Neetwork

Sagalee dhalootaa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply