Birmadummaa Naannawaa qilleensa Itoophiyaa fi Hidha Haaromsaa kabachiisuuf humni qilleensaa cimaa ijaaramuu isaa Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Leetanaan Jeneraal Yilmaa Mardaasaa beeksisan.
Leetanaan Jeneraal Yilmaa Mardaasaan eebbifamuu hidhichaa ilaalchisee ergaa dabarsaniin, Hidhaan kun Missiraachoo olka’iinsa Itiyoophiyaa fi ashaaraa Itoophiyaanoota ta’uu ibsan.
Humni Qilleensaa Itoophiyaa Ijaarsa irraa eegalee nageenya qilleensaa naannawichaa haala amansiisaa ta’een eegaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Waggoottan darban keessatti jeettiiwwan waraanaa diinoota qilleensarratti dursee barbadeessuu danda’u hidhachuun akka danda’ame eeruu isaanii odeeffannoon miidiyaa hawaasummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa argame ni mul’isa.