Baankiin Awaash qaxaleewwaan dorgommii kalaqaa injifatan shan badhaase

You are currently viewing Baankiin Awaash qaxaleewwaan dorgommii kalaqaa injifatan shan badhaase

AMN PLUS- Amajjii 20/2017

Baankiin Awaash dorgommii dandeettii kalaqaa marsaa 2ffaa qopheesseen Qaxaleewwaan injifatan shaniif badhaasa birrii Kuma 200 haga Miliyoona 1 kennee.

Baankichi Namoota Kuma 5 ol naannoolee biyyaatti fi bulchiinsa Magaalota lamaanitti dorgomsiise keessaa Qaxaleewwaan shan dandeetti Kalaqaatiin injifatan badhaaseera.

Badhaafamtoonni kunniin Naannolee biyyattii afurirraa ta’uus eerameera.

Baankichi badhaasaan cinatti birrii Miiliyoona 5 liqaan laateefiira.

Namoomsaa Baalliitu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply