Abbaan Taayitaa Bittaa Qabeenyaa Mootummaa Federaalaa bara baajataa 2017 darbetti Birrii Biiliyoona 308 ol tahuun sirni bittaa elektrooniksiin akka raawwate beeksise.
Daayirektarri Ol-aanaan Abbaan Taayitaa Bittaa fi Qabeenyaa Mootummaa Masarat Masqalee, sirna bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa mootummaa ammayyaawwaa gochuuf hojiin haojjatame bu’aa jajjabeessaa galmeesseera.

Bara baajataa xumurame kana dhaabbileen federaalaa abbaa baajataa ta’an 169 fi dameeleen 93 sirni bittaa elektrooniksii hojii irra ooluu isaa beeksisuu isaanii ibsaniiru.
Bara 2017 kanas Birrii Biiliyoona 308 fi Miiliyoona 75 gatii dhiyeessuudhaan sirni bittaa raawwachuu isaa ibsanii, bittaan raawwatame kan bara 2016 irra daran fooyyee qabaachuusaa itti dabaluun ibsaniiru.
Abbaan taayitichaa teeknoloojiitti fayyadamuun tarsiimoo dijitaalaa Itoophiyaan bara 2025tti karoorfatte milkeessuuf hojjatamaa jira jedhan.

Bara 2017 sirna bittaa guutummaatti elektroiniksiin kanneen raawwatan keessaa Yunivarsitii Saayinsii fi teeknoloojii Finfinnee fi Abbaa Taayitaa Hambaalee Itoophiya keessatti argamu jedhan.
Dhaabbileen lamaan bittaa bara 2017 gara caalu gama elektroonikisiin raawwachuu ibsuun, tajaajila si’ataa, haqa qabeessaa fi baasii kan qusatu gochuun gahee guddaa akka bahate beeksisuu Tajaajilli Oduu Itoophiyaa gabaaseera.