“Biyya mitii, ilmi fuudheyyuu akka itti mana abbaatii ba’u qaba” – Mullataa Huseen

You are currently viewing “Biyya mitii, ilmi fuudheyyuu akka itti mana abbaatii ba’u qaba” – Mullataa Huseen

‎AMN PLUS- Sadaasa 8/2018

‎Mootummaan ce’umsaa naannoo tokko fottoksee biyya taasisuu mitii maallaqa tokko mallatteessee dabarsuuf iyyuu aangoo kan hin qabne ta’uu Pirezidaantii Itti Aanaa Yuunivarsitii Naannoo Oromiyaa Kaadhimamaa PhD Mullataa Huseen himan.

‎Biyyi biyyarraa adda ba’uu mitii ilmi fuudhee abbaarraa mana ba’uuf iyyuu waan daangaa walitti kaa’atantu jira jedhanii, turtii AMN Dijitaal waliin taasisaniin.

Ulaa galaanaaf garuu kun hundumtuu hin taane, mootummaa sagalee Itoophiyaan hin filatamneen faayidaan biyyaalessaa dabarfamee kenname jechuun dubbataniiru.

‎”Uummata Miliyoona 130 ol bulchaa gaaffii miliyoona 130 baatanii boqochuun hin barbaachisu, kan jedhan Mullataa Huseen, gaaffiin ulaa galanaa amma yeroo isaati jedhan.

‎Itoophiyaan waliigaltee filatteetu malee eenyuyyuu ulaa galaanaa KM60 irra jiru dhaabbatee nama hin kadhatu jedhanii, nuti KM 60 irra osoo jirruu biyyoota biroo KM 10,000 irraa dhufaniif Jibuutii Somaaliyaafaan Galaana Diimaatti humna waraanaa cimsatu jedhan.

‎”Gaallis inuma deemaa, saroonnis inuma duutti” isa jedhamutti deemama jedhanii, olola hidha haaromsaa Adawaa lammaaffaa sana irra ture moo’achuun erga xumuramee, ulaan galaanaas ni dhugooma jedhan.

‎Itoophiyaan Gaanfa Afrikaaatti ukkaamftee akka jiraattuuf shirri Misir gaggeessitu hamaa ta’uu kaasanii, Naayil xuquu jechuun Misiriin balleessuudha jedhanii warra ilaalanii fi Itoophiyaan Galaana bishaan gaanfa Afrikaaati jedhamtee biyya waamamtu ta’uu waan beekaniifis shira xaxu, Itoophiyaan garuu fuulduraatti deemuu irraa humni dhaabuu danda’u hin jiru jedhan.

‎”Erga bokkaa hamaan roobee caamee booda ifti aduu bareedduun dhufti” akkuma warri adii jedhan, jijjiiramni salphaatti hin dhufu jedhan.

‎Daraartuu Tarreessaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply