Jijjiiramni Itoophiyaan damee hunda keessatti galmeessite ol ka’insa biyyattii akka agarsiisu Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee ibsaniiru.
Qaammee 3 Guyyaan Milkaa’inaa, “Milkaa’inni ol ka’insa waaraaf “mata duree jedhuun Muuziyeemii saayinsiitti kabajamaa jira.
Guyyaan kun bu’aawwan hunda galeessaafi injifannoowwan akka biyyaatti waggoota torban darban keessatti galmeeffamaan daawwachuun kabajamaa jira.
Sagantaa kana irratti Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee, Ministirri Indastirii Malaakuu Alaabal, Ministirri Albudaa Injinar Habtaamuu Taganyii fi Deetaan Ministira Ministeeroota sektaroota adda addaafi keessummoonni affeeraman argamuu isaanii ibsameera.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee akka ibsanitti , riifoormiin waggoota torban darban keessatti hojiiwwan qabataman hojjetaman dinagdee amanamaafi dorgomaa ta’e akka ijaaramu taasisuun akka danda’ame eeraniiru.
Dabalataanis, “Bu’aa gaarii guddina biyya keenyaaf bu’uura ta’e argaa jirra” jedhaniiru.