Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee raawwii hojii ji’ottan 9 darbanii qorachuu eegaluu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsan.
Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin waltajjii qorannoo raawwii hojii kanaan hojiiwwan bu’a qabeessaafi milkaa’aa adda baasuun akkaataa itti fufsiisuun danda’amu irratti gadi fageenyaan ni mari’atama.
Hojiiwwan karoorfamanii osoo hin raawwatamin hafan dabalatee kallattiifi duub deebii qorannoo raawwii hojii ji’oottan ja’aa irratti kenname bu’uura gochuun akkaataa maddi komii uummataa itti hiikame gadi fageenyaan kan qorannu ta’a jedhan.
Dabalataanis waltajjichaan dandeettiifi gahumsi rakkoo furuu hooggansaa, hudhaawwan dhaabbanni inni hoogganu qabu adda baasuu fi fooyyessuurratti fooyya’iinsa mul’ateefi jijjiiramoota gama rakkoo adda baasanii ariitiin furuun argaman ni qoratamu.
Qorannichi karoora hojii baatiiwwan sadan dhufanii karaa guutuu ta’een akka raawwannuuf waltajjii walii galteerra itti geenyudha. Hanqinaalee adda bahan sirreessuun akkaataa waadaa galleen uummata keenya caalmaan tajaajiluuf kan itti qophoofnuudha jedhaniiru.