Buufataalee Boba’aa 354 irratti tarkaanfiin fudhatame

You are currently viewing Buufataalee Boba’aa 354 irratti tarkaanfiin fudhatame

AMN PLUS- Onkoloolessa 12/2018

Buufataaleen Boba’aa 354 gocha seeraan alaa raawwatan irratti tarkaanfiin fudhatamuu Abbaan Taayitaa Anniisaafi Boba’aa beeksise.

Abbaan Taayitichaa akka jedhetti, tarkaanfiin kun baatiiwwan sadan darban bara 2018 keessatti kan fudhatame yoo ta’u, gochi seeraan alaa buufataaleen boba’aa kunneen raawwatanis gurgurtaa fi raabsaa boba’aa wajjin akka wal qabatu ibseera.

Ogeettiin Komunikeeshiniifi Sab-quunnamtii Abbaa Taayitichaa Baqqalach Kumaa, buufataaleen raabsaa boba’aa 354 gurgurtaan dijitaalaa isaanii % 50 gadi ta’uun tarkaanfiin akka fudhatamu taasisuu dubbataniiru.

Kubbaaniyaawwan Boba’aa 6 gurgurtaan dijitaalaa isaanii gadi bu’aa ta’e irrattis baatiiwwwan lamaaf akka boba’aa hin feene tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru.

Kubbaaniyyaawwan torba ammoo akeekkachiifamuu eeruun, abbaan taayitichaa; dhiyeessii, raabsaafi gurgurtaan boba’aa akka si’ataa, amansiisaafi qulqullina kan qabu akka ta’uuf hojmaata teekinooloojiin deggerame cimsee itti fufuu beeksisuu isaanii TOI gabaaseera.

Raabsitootniifi buufataleen raabsaa boba’aa hundumtuu seera kabajanii akka hojjatan hubachiisaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply