AMN PLUS- Onkoloolessa 24/2018
Itoophiyaan buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuutti ijaartuun wiirtuu diinagdeefi daldalaa jabduu Afriikaa akka taatuuf gahee olaanaa akka qabu ibsameera.
Yaa’ii Invastimantii Itoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa, Faransaayitti adeemsifamaa jiru irratti, Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee, Hoji-Raawwachiisaan Olaanaa Garee Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa Masfin Xaasawufi gorsaawwan olaanoo Ijaarsa pirojektii kanaa hirmaachaa jiru.
Wayituma kana buufatni Xiyyaaraa kun Afrikaatti guddina diinagdeefi tokkummaa biyyoota naannichaa babal’isuun biyyattii gahumsa wiirtuu ijoo taasisuu akka qabu ibsameera.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee buufatni Xiyyaaraa ijaaramu kun guddina, badhaadhinaafi walitti hidhamiinsa idil addunyaaf karra seensaa ta’eef akka tajaajilu ibsuun faayidaa tarsiimawaa olaanaa akka qabu hubachiisaniiru.
Eerbaasitti Hoogganaan Afrikaa Federikoo Buulwutoo gama isaaniin Garee Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaatti pirojektiin buufata Xiyyaaraa Bishooftuu akkuma Daandiiwwan Xiyyaaraa adda duree ta’an Eemireetisiifi Kaataar sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa ta’uuf gahumsa akka qabu dubbachuu isaanii ibsi Ministeerri Maallaqaa FDRI baase ni mul’isa.