AMN PLUS – Onkoloolessa 15/2018
Guyyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa waggaa 118ffaan gidduu gala leenjii Humna Galaanaa Itoophiyaa Magaalaa Bishooftuutti argamutti sirnoota Gara garaan kabajamaa jira.
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injinar Ayishaa Mohaammad Guyyaa Raayyaa ittisa biyyaa kanarratti argamanii ergaa dabarsaniiru.
Raayaan Ittisa Biyyaa ibsituu tokkummaa, sabboonummaa fi walaabummaa Itoophiyaati jedhan Injinar Ayishaan.
Raayyaa Ittisaa shiira diinaa kallattii kamiinu biyya irratti aggaamamu qolachuuniifi fashaaleessuun imala biyyaattiin gara badhaadhinaatti taasistuu milkeessuu keessatti shoora isaa bahaa jira jedhaniiru.
Ciminni Itoophiyaa waaregamaa qaalii ijoolleen ishee kafalanii bara baratti ceesisaniin kan madaalamuu fi ibsamu ta’uus Injinar Ayishaa Mohaammad ibsaniiru.
Raayyaa Ittisa Biyyaa humnaa fi dandeettiin cimsuuf mootummaan kutaannoon kan hojjetu ta’uu eeran.
Mangashaa Daargeetu Gabaase