Coqorsa akkamii qabatanii malkaa bu’u?

You are currently viewing Coqorsa akkamii qabatanii malkaa bu’u?

‎AMN PLUS-Fulbaana 20/2018

‎Irreecha yoo deeman yeroo hundaa coqorsa/marga jiidhaafi ilillii harkatti qabachuun waan amaleeffatame. Garuu marga akkamiiti?

“Coqorsi jiidhan qabannee Malkaa buunu, kan qara qabu fiixeen isaa kan hin citin ta’u qaba” jedhu Miseensi Gadaa Roobalee Hayyuu Alamuu Daadhii.

Hayyuu Alamuu Daadhii AMN PLUStti akka himanitti margii jiidhaan xiqqaa guddisi, araara fidi, nu margarsi dhaamsa jedhu mul’isa jedhan.

Ililliin keelloon immoo firii godhachuun dura kan daraaru, nu daraarii firii nu fidii nu horsiisi kan jedhu yoo mul’isu guddina, jaalala, kabajaafi tokkummaas ni agarsiisa jedhan.

‎Gara malkaattis yoo deeman tartiiba kan qabu ijoollee fuudhaafi heeruma hi gahinitu ilma xiqqaa mica dabballeefi intala qarreetu fuuldura deema. Cinaa mirgaatiin Abbootii gadaa yoo deeman gara bitaatiin haadholii siiqqeetu adeema.

‎Lafa ulfoo malkaatti yoo deeman waan ulfoo ta’an kallachaaf caaccuu qabatani dhaqu jedhan Hayyuun Alamuu Daadhii. Kallacha Abbootii Gadaatu baata. Caaccoo ammoo haadha siiqqeetu qabata jedhan.

‎Malkaas yoo gahan irreeffachuun dura ni eebbifatu. Eebbi kunis tartiiba qaba jedhan Hayyuu Alamuun.

Jalqaba abbaa malkaatu eebbisa. Abbaan malkaas gosa naannoo san jiraatu warra hangafaa keessaa akka eebbisu dubbatan. Itti aanee Gadaa jiituutu eebbisa jechuunis warra gadaa harkaa qabu jechuudha.

Akkas jechuunis eebbifatu…

‎”Waaqa uumaa

‎Waaqa uumamaa

‎Waaqa malkaa uumte

‎Waaqa tulluu uumte

‎Halkan nagaa nagaan nu bulchitee

‎Guyyaas nagaan nu oolchi

‎Biyya teenya biyya nagaa godhi

‎Biyya araara godhi

‎Biyya tokkummaa nuuf godhi

‎Kan baranan nuu geeche

‎Bara gareenis nu gahi

‎Booruu gannaa nu ceesistee

‎Taliila birratti nu baastee

‎Xiqqaa keenya nu guddisi

‎Guddaa keenya nu bulchi…. jechun eebbifatu.

‎Booruun gannaas calalee bishaan taliilarratti waaqaaf galata dhiyeessu. Irreechi guddaan Oromoo akka waligalatti kabajuu kan Hora Finfinnee fi Bishooftuus galateeffannaa waaqaatif yoo ta’u tokkummaa ummataa daran kan cimseedha.

‎Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply