Dorgomtummaa daldala idil-addunyaa Itoophiyaa cimsuuf hirmaatonni damee daldala E-Komersii gahee olaanaa akka qaban Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa Naannoo Kaasaahun Gofee (Dr.) ibsaniiru.
Torbeen Eksipoo daldalaa “Kan Itiyoophiyaa Bituu” 2017 Hagayya 24 irraa eegalee sagantaalee adda addaatiin Magaalaa Finfinneetti adeemsifamaa jira.
Mariin paanaalii qopheessitoota eksipoo fi qooda fudhattoota damee kanaa hirmaachise mata duree “E-Commerce and Digital Services” mata-dureen jedhuun taa’amaa jira.
Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannoo Kaasaahun Gofee (Dr.) dorgomtummaa daldala idil-addunyaa Itoophiyaa guddisuuf mootummaan hojjechaa akka jiru ibsan.
Ityoophiyaan sirna daldalaa ammayyeessuun oomisha qulqullina qabu gabaa addunyaaf dhiyeessuun galii al-ergii ishee guddisaa akka jirtus ibsaniiru.
Akka biyyaatti damee daldalaatiin bu’aa jajjabeessaa galmaa’uus guddina addunyaan irratti argamtuun wal bira qabamee yoo ilaalamu daldala E-Komersii irratti hanqinoonni akka jiran ministirichi hubachiisaniir
Dorgomtummaa daldala idil-addunyaa Itoophiyaa cimsuuf hirmaattoonni damee daldala elektiroonii gahee olaanaa taphachuu akka qabu yaadachiisuu isaanii TOI’tu gabaase.