Daldalli nageenya malee, nageenyis daldala malee hin milkaa’an- Aadde Zahaaraa Mohaammad

You are currently viewing Daldalli nageenya malee, nageenyis daldala malee hin milkaa’an- Aadde Zahaaraa Mohaammad

AMN Plus – Onkoloolessa 20/2018

Manni Maree Daldalaafi Waldaalee magaalaa Finfinnee gahee bizinasiin nageenya fiduu keessatti qabu irratti mari’atan.

Daldalli nageenya malee nageenyis daldala malee hin milkaa’an kan jedhan Perezidaantiin Mana Maree Daldalaafi Waldaalee magaalaa Finfinnee Aadde Zahaaraa Mohaammad, mootummaa waliin mari’achuun hawaasni daldalaa nageenya waaraa Itoophiyaatti mirkaneessuuf gahee isaa caalmaatti akka gumaachuuf marichi barbaachisuu himan.

Barreessaa olaanaa Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa Qesis Tagaay Taaddalaa Karaa mariifi marbaan rakkoo nageenyaa furanii dinagdee tasgabbaa’aa mirkaneessuuf lammiin Itoophiyaa hundi tumsuu qaba jedhan.

Namni hundi mataa isaa, nama biroo, qabeenya uumamaa akkasumas waaqa waliin nagaa buusuu akka qabu dhaamaniiru.

Zallaqaa Oljirraatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply