Daldaltoonni haaraa Kuma 99 ol hojii daldalaa eegalaniiru- Biiroo Daldalaa Finfinnee

You are currently viewing Daldaltoonni haaraa Kuma 99 ol hojii daldalaa eegalaniiru- Biiroo Daldalaa Finfinnee

‎AMN PLUS- Hagayya 8/2017

‎Bara baajataa 2017tti daldaltoonni haaraan kuma 99 ol hojii daldalaa eegaluu Biiroon Daldalaa Finfinnee beeksise.

‎Hooggantuun Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Aadde Habiibaa Siraaj lakkoofsi daldaltootaa sirna daldalaa keessaa ba’anis akka hir’ate dubbataniiru.

‎Biirichi burjaajjii daldalaa ittisuurratti dhaabbilee tajaajila daldalaa kuma 39 irratti tarkaanfii akka fudhate itti dabaluun ibsaniiru.

‎Gama biraatiin, daldaltoonni kuma 400 ol tajaajila si’ataa akka argataniif biiroon isaanii tajaajila dijitaalaa kennaa akka jiru Aadde Habiibaan dubbataniiru.

‎Biiroon Daldalaa magaalichaa hojjattoota isaa raawwii olaanaa galmeessisaniif beekamtii kenneera.

‎Wandimmaagany Abbabaatu gabaase,

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply