Dameeleen dureeyyii biyya alaaf cufamanii turan banamuunsaanii invastimantii kallattii alaa guddisaa jira – Ministiroota

You are currently viewing Dameeleen dureeyyii biyya alaaf cufamanii turan banamuunsaanii invastimantii kallattii alaa guddisaa jira – Ministiroota

AMN PLUS – Caamsaa 04/2017

Dhaabbilee misoomaa mootummaa dabalatee dameeleen Invastimantii dureeyyii biyya alaaf cufamanii turan banamuunsaanii invastimantiin kallattii alaa akka guddatu taasisuusaa ministiroonni ibsan.

Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee, hooggantoonni mootummaa olaanoo fi invastaroonni biyyoota hedduu bakka argamanitti fooramiin biizinasii Itiyoophiyaatti invasti godhaa 2025 Finfinneetti eegalameera.

Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee, Itiyoophiyaan biyya lafa bal’aa, qabeenya bishaanii hedduu, dargaggoo fi humna nama baratee akkasumas bu’ura misoomaa guutuu qabdu ta’uunshee invastimantiif mijattuudha jedhan.

Riifoormiin dinagdee, riifoormiiwwan rakkoolee dhaabbataa fi caasaa furan guddina biyyaa fulla’aa kan fidan ta’uu dubbataniiru.

Riifoormiiwwan seeraa fi imaammataa akkasumas dirreen daldalaa fi Invastimantii banamuunsaanii bu’aa guddaa fidaa jiru jedhaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos gamasaaniin, Itiyoophiyaan biyya Invastimantiif barbaadamtudha jedhaniiru.

Jijjiiramaan dura xiyyeeffannoo dhabee kan ture dameen dhuunfaa waggoota jijjiiramaatti imaammata jijjiiruunn dameen dhuunfaa dinagdee keessatti qooda ijoo akka qabaatu hojjetamaa jira jedhaniiru.

Dameewwan invastimantii biyya alaaf cufamanii waggootaaf turan banamuu kaasuun, seeronnii fi imaammattoonnis fooyya’uu ibsaniiru.

Komishinarri komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Zallaqaa Tamasgeen (Dr.) xiyyeeffannoo mootummaan invastimantiif kenneen bu’aa guddaan argameera jedhan.

Fooramiin kun tumsa jabeessuun carraalee Invastimantii akka bal’isu dabalanii dubbachuusaanii TOI gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply