Kenna tajaajilaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee ammayyeessuufi si’eessuuf teekinooloojii dandeettii ofii misoomsuun itti fufa jedhan Itti aanaan Kantiibaa fi Hoogganaan Biiroo Indastirii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee obbo Jaanxiraar Abbaayi.
Biiroon Misooma Innooveeshinii fi Teekinooloojii, teekinooloojiiwwan
dandeettii ofiifi qaamolee deggertootaatiin misoomsan 19 eebbisiisaniiru.
Teekinoolojii misoomsaman kenna tajaajilaa, sirna ramaddii manneenii, fayyaa, tuurizimii fi dameelee biroo keessatti tajaajila kan ammayyeessaniifi bifa hojimaata badaa irraa qulqullaa’een baasii dabalataa irraa kan oolchu ta’uu isaanii agarsiisa.
Waltajicha irratti ogeeyyii teekinooloojii maddisiisaniif beekamtiin kennameeraaf.
Anuwaar Ahimaditu gabaase