AMN PLUS- Onkoloolessa 8/2018
Dargaggoonni Afrikaa hojii barbaaduu irraa gara Hojii uumutti ce’uuakka qaban Ministeerri Hojiifi Ogummaa beeksise.
Torbeen Ogummaa Afrikaa 2ffaan walta’iinsa Ministeera Hojiifi Ogummaa Itoophiyaafi Gamtaa Afrikaatiin Finfinneetti qophaa’e xumurameera.
Onkoloolessa 3 hanga Onkoloolessa 7/2018 galma Gamtaa Afrikaatti adeemsifamaa kan ture torbeen ogummaa Afrikaa kun, muuxannoo Ogummaa, kalaqaa, Saayinsiifi Teeknoolojii irratti jiru waljijjiiruun hojii barbaaduu irraa gara hojii uumutti ce’uun akka barbaachisuuf hubannoo uumuu akka ta’e Deetaan Ministira Hojiifi Ogummaa Tashaalee Bareechaa (PhD) dubbataniiru.
Waltajjii muuxannoo ogummaa waljijjiiruu kanarratti dargaggoota kalaqa isaanii dhiyeessuun 1ffaa hanga sadaffaatti bahanif badhaasni maallaqaa kennameera.
Geetaahun Katamaatu gabaase.