Dhaloota Bara Haaromsaa

You are currently viewing Dhaloota Bara Haaromsaa

‎AMN PLUS- Hagayya 04/2017

‎Itoophiyaan Afrikaa keessaa madda laggeen baay’eeti kan jechisiise tokko laga Abbayyaadha.

‎Garuu biyyattiin madda laggeen baay’ee taatus kennaa kanatti osoo hin fayyadamiin waggoottan hedduu darbaniiru.

‎Itoophiyaan baroota baayyeedhaaf hiyyummaafi dukkana keessaa bahuuf laga Abbayyaa hidhuun akka barbaachisu yaadaa turuun ishee seenaan ni yaadata

‎Haata’u malee hawwii kana hojiitti jijjiiruuf qormata baay’eefi mormiin waan mudateef baroota baay’eedhaaf osoo hin milkaa’in tureera.

‎Amma garuu yeroon isaa dhufnaan karoorri yaadame dhugoomuun lagaa Abbayyaarratti hidhi ijaaramee dhaloonni bara haaromsaa uumame.

‎Bara 2003 ji’a Bitootessaa Abbayyaarratti hidha ijaaruuf dhakaan bu’uura ka’ame.

‎Dhiibbaa fedhii alaa qolachuuf xiqqaa hanga guddaatti itti hirmaachuun hidhi haaromsa guddichi Abbayyaa humna lammiilee Itoophiyaatiin ijaaramee jijjiirama ammaatirra gaheera.

‎Ministira Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr.) ji’oottan kudha tokkon dura Iddoo Hidhi haaromsaa guddichi itti ijaaramaa jiru Gubaarraa haasa’a nama jajjabeessu taasisaniiru.

“‎Hidha kana humna keessaniin ijaaruu hin dandeessan, badhaadhina milkeessuu hin dandeessan jedhanii kan nutti baacan hunda, humna keenyaafi tokkummaan qindaa’uun hidha haaromsa guddicha ijaaruun ifatti agarsifneerra” jedhanii turan.

Maarree kunoo ‎Hidhi haaromsaa ji’a Fuulbaanaa 2018 eebbifamuf jira.

Jiraataan magaalaa Finfinnee jalqabbii pirojektichaarraa kaasuun mallaqa buusaa turan tokko, hidhaan Itoophiyaanota tokkoomse kun eebbifamuuf ta’uu yeroo dhagahan gammachuun isaanii daangaa hin arganne.

Hidha Guddicha Haaromsaa siidaa Itoophiyaanotaati kan jedhan jiraataan Finfinnee kun, ijoollee isaaniif jecha deeggaruun haga xumurasaan gahuu dubbatan.

Hidhaa kana waloon ijaarree xumuruu keenyaan tokkummaa biyyaalessaa qabnu kan itti agarsiisnedha jechuun, waloon yoo dhaabbannu waan hundaa raawwachuu akka dandeenyuuf mul’istuudha jedhan.

Dargaggeessi biraa AMN waliin turtii taasises Itoophiyaanotni maaddii guyyuu isaaniirraa qooduun hidhaa milkeessan waan ta’eef sadarkaa kanarra gahuun isaa na boonsa jedha.

Dhagaan bu’uuraa yeroo kaa’amu hojjetaa mootummaa ta’uusaanii kan eeran obbo Axinaafuu Kaasaa gama isaaniin, mindaa ji’aarraa qooduun deeggaraa turuu yaadatu.

Nuti Itoophiyaanotni akka abbootii keenyaa gootummaan beekamna kan jedhan obbo Axinaafuun, rakkoowwan hedduun osoo nu hin danqin hidhaa kana milkeessine hedhaniiru.

Tumsi biyyaalessaa Adawaa irratti mul’ate Hidhaa Guddicha Haaromsaa Itoophiyaa irrattis irra deebiin mul’ateera jedhan Dhalootni Bara Haaromsaa.

‎Heelen Tasfayeetu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply